Gargaarsa dhala anamaa gara Bulchiinsa naannoo Tigraay seensisuun akka ittifameetti kan jiru ta’uus, Tigraay harka caalaa keessatti gargaaramtoota dhaqqabuuf carraan jiru hedduu foyya’uu isaa gareen gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa ykn OCHAAn beeksisee jira.
Hojjattonni gargaarsaa suuta sutaan hojii isaanii kan jalqaban yoo ta’u gargaarsa nyaataa, bishaanii fi sanyii facaafatan raabsaa jiran.Boba’aa, tajaajiilli Baankii, Teleekomunikeeshinii fi Eleektrikii dhabamuun hojii gargaarsa raabsuu danqee ture.
Hojii gargaraasa dhala namaa itti fufuuf, Hojjattoota gargaarsaa dabalataan, waan raabasamuu fi tajaajiila bu’uraa hatattamaan kan barbaachiisan ta’uun ibsamee jira.
Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti karoora gargaarsa dhala namaaf ba’e turee hanqiina Doolaara Miliyoona dhibba afurii fi Miliyoona soddomii sadiitu hanga dhuma waggaa kanaatti isa mudatee jira.