Yeroo Waraansaatti Dhalattoonni Tigiraay Hedduun Guutummaa Itiyoophiyaa Keessaa Hidhaman, Jedhame

  • VOA

Lisaanawariq Dastaa mana kitaabaa muuziyamii mana amantaa Ortoodoksii keessa hojjata. Dhalattoota Tigraay mana hidhaa naannoo Harar keessa jiran dubbisuu AP tti hime, Finfinnee, Ebla 26, 2021

Itiyoophiyaan lammiwwan dhalata Tigiraay guutummaa biyyattii keessa jiran kanneen kumootatti lakkaawaman gantummaatti yakkuudhaan mana hidhaatti guurtee, irra-caalaa isaanii himannaa seeraa malee baatiileedhaaf akka keessee adda-baafadheen jira, jedha Maddi Oduu Asoosheetid Prees.

Your browser doesn’t support HTML5

Yeroo Waraansaatti Dhalattoonni Tigiraay Hedduun Guutummaa Itiyoophiyaa Keessaa Hidhaman, Jedhame

Itiyoopiyaan dhalattoota Tigraay kumaan laka’aman gantoota himannaa jedhuun manneen hidhaa guutummaa biyyattii keessa jiru ira facaastee jirti. Yeroo hedduu baatilee dhaaf himannaan utuu itti hin dhiyaatin hidhamanii kan jiran ta’uu Associated Press mirkaneeffatee jira.

Hidhaan angawoota waraanaa fi siivilootaa kun mootummaan lola naannoo Tigraay keessatti geggeessu erga jalqabe baatilee ja’a qabatee ennaa jiru kanatti, kan yeroo tokko ol aantummaa qaban warreen Tigraay waaltaalee mootummaa keessaa qulqulleessuuf kan ta’e yaalii ifaa dha jedha gabaasi kun. Manneen hidhaa yoo xiqqaate sagal keessa kanneen jiran, kan Itiyoopiyaan jiru jechuun amanteen ol hedduu bal’aa fi ta’e jedhamee kanneen to’ataman, sababaa tokkichi sababa gosa ofii irraan kan ka’e jedhee jira.