Dhibeen Obbo Meles Kan Hamaaf Laatu Miti jedhu Angawoonni

Ministeerri kominikeeshinii Itiyoopiaa Obbo Bereket Simon har’a waaree booda ibsa tuuta oduuf kennaniin Obbo meles yeroo murta’aaf haalli rakkoo fayyummaa hagi tokko isaan mudatee ture jedhan. Kanaanis wal’aansi ga’aan akka godhameef ibsanii yeroo ammaa haala gaarii irra jiru jedhaniiru.

Yeroo dheeraa dhaaf boqonnaa malee itti gaaftama biyyaa guddaa fudhanii hojjetaa waan turaniif boqanaa akka fudhatan dokotornni isaanii waan gorsaniif, yeroo ammaa boqonnaa irra jiru jedhan. Dhukkubi isaaniis kan ture utu uhin taane kan yeroo dhiyooti jedhan.

Obbo meles irra deddeeb’uun wal’aansa fayyaa argachuff biyyootii alaatti deddeebi’aa turan isa jedhu obbo Berekt haalanii, akkuma nama ka biroo eegumsa fayyaaf of hin ilaalchisan jechuun hin danda’amu jedhan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa