Golli Naga Eegumsaa Walgahii Hatattamaa Ta’uuf Jira

  • VOA

Golli Naga Eegumsaa Walgahii Hatattamaa Ta’uuf Jira.

Koriyaa Kaabaa yaalii dhukaasa misaa’eela Baalistic kan dhiyeenya kana gaggeessite kan ilaaleen golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummotaa har’a walgahii hatattamaa taa’uuf karoorfatee jira.

Jilli Uraagaay kan Tokkummaa Mootummotaa keessaa akka jedhutti Yunaaytid Isteetes, Koriyaa kibbaa fi Jaapaantu walgahiin kun akka waamamu gaafate.

Koriyaa Kaabaa wiixata har’a akka jetteetti, misaa’eela Balistiik kan fageenya giddu galeessaa furguggifamuu danda’uu hedduminaan oomishuuf, akkasumas waraana ishee waliin bobbaasuuf amma qophoftee jriti.

Waraanni Koriyaa Kibbaa gama isaan misaa’eelli Dilbata kaleessaa waaree booda kutaa Piyoong Yang Kibbaa irraa kan dhukaafame yoo ta’u fageenya lafa Kiiloo meetra 500 erga furguggifamee booda galaana Jaapaan keesa bu’e.

Yaaliin dhukaasa misaa’eela kanaa torban tokko keessatti yeroo lammataaf geggeessamuu isaa yoo ta’u waggaa kana keessa yeroo yaalamu kun kurnaffaa ta’u isaati. Yunaaytid Isteetes Koriyaa kaabaa irratti dhiibbaan goote hin hojjanne yaada jedhu Ministriin dantaa alaa Amerikaa Rex Tilerson soba jedhan.