Abukaatoon Obbo Baqqalaa Garbaa Maal Jedhu?

  • Jaallannee Gammadaa

Obbo Baqqalaa Garbaa wabii qarshii kuma soddomaan akka gadhiifaman manni murtii waliigalaa kan federaalaa Wiixata darbe ajaja kan kenne ta’uus amma garu ugguramuu isaa manni hidhaa qilinxoo har’a kan ibseef ta’u abukaatoo kan ta’an Obbo Abdul Jabbaar Huseen ibsanii jiru.

Lakkobsiia galmee dogoggora qaba jedhame suun ituu dhugaa ta’e sirreessuun salphaa ture kan jedhan Obbo Abdul Jabbaar manni hidhaa qilinxoo dhaddacha Lidataa sirrii hin taaneetti xalayaa erguutu rakkoo jabaa ta’u dubbatan.

Har’a xalayicha ergame sana dhaddacha sirri ta’etti nu barreessaa jennee gaafachuuf mana hidhaa Qilinxoo yeroo geenyeetti, silaayyuu akka hin gadhiifamneef dhaddachii ijiibbaataa irraa ajajii waan nu dhaqqabeef xalayaa sirreessuun gatii hin qabu jedhamne jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Abukaatoon Obbo Baqqalaa Garbaa Maal Jedhu?