Dhimma Walii-galtee Niyuukilaraa Yunaayitid Isteetisii fi Iraan

  • VOA

Yunaayitid Isteetisii fi Iraan walii-galtee bara 2015 mallatteessan, kan sagantaa Niyuukilaraa Iraan daangessuu fi uggurawwan biyyattii kaasuutti fuuleffate deebisanii bayyanachiisuuf, har’a, karaa kallattiin hin ta’iiniin Viyeenaa keessatti marii jalqabuuf jiran.

Dubbi-himaan Ministirii Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Need Praayis, har’a ibsa tuta preesiif kennaniin, ergamaa addaa ka Yunaayitid Isteetis, Roober Maaliin kan hoogganamu – jilli Yunaayitid Isteetis gara Veeyinaatti ka qajeelu uyoo tahu, marii kana irratti kanneen akka waliigalteen Iraan bara 2015 kan “Joint Comprehensive Plan of Action” jedhamu sun akka deebi’ee bayyanatu fedhan – biyyoonni akka Biriteen, Chaayinaa, Faransaay, Jarmanii fi Raashiyaan walga’ichatti hirmaachuuf jiran.

Yoo sagantaa Niyuukilaraa Iraanitti daangaan daran dhaabbataa fi mirkanaawaan tolfame, Yunaayitid Isteetis uggurawwan Saganticha Niyuukilaraa Iraanitti hidhatan kan prezidaant Doonaald Traamp biyyattii irra kaa’an irraa kaasuu fudhachuu malti – jedhan – Praayis.