Mariin sadarkaa ol aanaa US fi Chaayinaa gidduutti geggeessamu kan bulhiinsa Baayiden jalqabaa kamisa kaleessaa marii haala cimaa ta’een kan jalqabe yoo ta’u, qaamotiin lamaan imaammata walii isaanii irratti qeeqa hamaa dhiyeessaa turan.
Angawoonni Ameerikaa michoota Jaappaanii fi kooriyaa kibbaa daawwachuutti aansee Ankoreeg Alaaskaa keessatti mariin geggeessame Washington, ejjennoo cimaa isaa kan mul’isu yoo ta’u Beejiing biraa ibsa ifaa hin ta’intu mul’ate.
Ministriin dhimma alaa Antonii Blinken gita isaanii kan Chaayinaaf haasaa walitti deddeebisaa turaniin, yaaddoo keenya guddaa gocha Chaayinaa ilaalchisee jiru kan Xinjiang, Hong Kong, Taayiwaan, haleellaa interneetii Yunaayitid Isteetis irratti raawwatame, dhiibbaa dinagdee michoota keenya irratti ta’e jedhan kaasaniiru.
"Tarkaanfiin kun tokkoon tokkoon isaa seeraawwan sabatiinsa addunyaa eegsisan balaa irra buusa jedhan.
Bulchiinsi Baayiden amala Chaayinaa ilaalchisee ennaa bulchiinsa prezidaanti Tramp kan duraanii hariiroo akkaan laaffate bakkatti deebisuuf jijjiirama arguu fedha.
Diplomaatiin gameessi Chaayinaa Jang Jiechi haasaa daqiiqaa 15 deebii kennaniin, dimokraasii Ameerikaa dadhabaa dhufe, akkaataa sab xiqqaaleen itti ilaalaman dadhabaa ta’e jedhanii fi imaammataa alaa fi daldalaa kan yunaayitid Isteetis qeeqanii jiran.
.