Al-Shabaab Lafa To’atee Ture Gadhiisaa Jira:Diploomaatii Amerikaa

  • VOA

FAAYIlii- Miseensota human nagaha eegumsaa Somaaliyaa qehee gamoo haleellan itti geggeeffamee funduratti, Guraandhala 21, 2023

Duula waraanaa mootummaan Somaaliyaa Al-Shabab irratti gaggeesseen hidhattoonni lafa qabatanii turan sadii keessaa tokko akka gadhiisan taasisuu isaa, Somaaliyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa ibsanii jiru.

Ambaasaaddar Laarii Andireen iimeelii RSAf erganiin, “Haleellaan Somaaliyaan durfamu lafa duraan al-Shabaab bulchaa ture sadii keessaa harka tokko abba biyyummaa Somaaliyaa deebisee jira jedhan.

Roorroo al-Shabab xumura itti tolchuun, Somaaliyaa guutummaatti haaromsuuf tarkaanfii tokko jedhanii, baatii Amajjii irraa eegalee Ameerikaan humnoota biyyoolessaa Somaaliyaatiif meeshaa waraanaa arjoomtee duula al-Shabab irratti geggeeffamaa jiru deeggartee jirti jedhan.

Kana malees Yunaaytid Isteetis garee waraana simaaliyaa keessaa kan filataman kanneen Danba ykn ifa jedhaman, kan leenjisee yoo ta’u, isaantu duula Al Shabaab irratti guula gaggeeffamu hogganaa jira.

Mootummaan Somaaliyaa torban kana akka gabaasetti, hojiin waraanaa kun ji’oota jahan darban keessatti garee hidhattoota kana irratti kufaatii guddaa geessisee jira.

Ministeerri Odeeffannoo Somaaliyaa Bitooteessa 25 ibsa baaseen, Hagayya darbee hanga Guraandhala gidduutti duula waraanaa marsaa jalqabaa gaggeeffameen hidhattoonni al-Shabab 3,000 ajjeefamuu fi 3,700 dabalataan madaa’uu ibseera.

Kana malees magaalonni fi gandoonni 70 Al-Shabab jalaa bilisa bahuu isaanii mootummaan ibsee jira.