Dorgommii ‘All African Games’Afrikaa Kibbaa faatti warqii hedduu guurrachuutti jira

Dorgommii tana biyya Afrikaa 40 caalanitti ispoortii gosa 20 oliin Mapuutoo, Mozaambikitti wal dorgomuutti jira.

Atileetota haga 5000 tahanitti addunyaa walti dhufe.Namuu jabeenna bara hedduu itti qophaahaa bahe wal agarsiifachuuf wal gaha.

Dorgommiin baranaa tun marroo 10eessoo. Torbaan tokkoon duubatti dhumatti.Biyya Afrikaa gama gaafaa keessaa Itoophiyaa, Keenyaa,Jibuutii,Somaaliyaa Eeritaa fi dabalee walumattuu biyya Afrikaa 48 tana irratti wal dorgoma.

Dorgommii haga ammaatti itti jiraniin Afrikaa Kibbaatti warqii 30 caalaa argate. Masrii Tunisiyaan,Aljerinaa,Nijeeriyaa fi Keeniyana Senegalilleen warqii argachumatti jiran.

Mee qophii tana MP3 irraa nuu caqasaa.