Dubartiin Lafee Dugda Hawaasa Ti: Bu’uursituu Dhaaba “Save Generation Association”

  • Tuujubee Horaa

Hayyuun lammii Gaanaa Dr. James Emmanuel Kwegyr –Aggrey “ yoo dhiira barsiiste nama dhuunfaa barsiist yoo dubartii barsiiste garuu biyya barsiista” jedhanii turan.

Keessummaan keenya har’aa dubartoota cimanii rakkoo isaan mudate dura dhaabbachuu dhaan hawaasa isaaniif gumaachan keessaa tokko. Aadde Bekelech Demmissee Roorrisaa ti. Jaarmayaa dhuunfaa kan “Save Jeneration Development Association” jedhamu Muddee bara 2008 hundeessuu dhaan waggoota 10f hawaasa keessaa dhufaniif kanneen biroo gargaaraa jiru.

Aadde Beqelech Demmissee Roorrisaa Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaa ganda qonnaan bulaa Diddiimtuu jedhamtu keessatti maatii qotee bulaa irraa dhalatan. Barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa naannoo dhuma isaaniitti erga baratanii booda hojii barsiisummaa irratti bobba’uu isaanii dubbatu.

San booda mana barnootaa kitaaba qulqulluu irraa digirii isaanii jalqabaa argatan. Gargaarsa Guddina Tumsa Foundation jedhamuutiin digirii koo waggaa afurii xumuruu danda'eeraa jedhan.

Jarmayaan isaanii “Save Jeneration Dev’t Ass” gama mootummaatiin illee waajjira dhimmoota dubartootaa aanaa Adaamaa, godinaa fi akka Oromiyaattis xalaynoonni deggersaa adda addaa ergamuufii dhaan beekkamtiin kennamuifiisaa nuuf ibsaniiru.

Jarmayaa kana hundeessuuf kan isaan kakaase rakkoo dubartoota ganda isaan keessatti dhalatanii argaa guddachuu akka ta’e nuuf ibsanii rakkoo keessaa mala isaan ittiin ba’an illee barbaaduuf murannoon hojjechuu isaanii nuuf ibsaniiru. Har’a jaarmayaan isaanii dubartoota kuma sadii ta’aniif gargaarsa adda addaa gochu dhaan kaanis of danda’anii jireenya gammachuu geggeessaa jiraachuu isaanii aadde Beqqelech nuuf ibsaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa