Dubartoomii Biyyaa Meeksikoo Hokkora Saalaa balaaleffataniiru

  • VOA

Hiriira Meeksikoo Siitii keessatti geeggeeffame

Bitootessa 8 guyyaa Dubartoota Aduunyaa sababeeffachuudhaan gareewwan dubartootaa hokkora saalaatiin midhaan irraa gaheef haqa gaafatan Magaalaa meeksikoo keessatti bareeffamaa irgaale adda addaa qaban samii irratti akka mul’atan taasisaniiru.

Jalabultii Bitootessaa 8ti wixata kaleesaa ergaan baaluunnii ykn Afuuffaa guddhaa qileensaa irraa balali’un samii irratii akka mul’atu taasifamee, hokkoraa saalaa dubartootaa fi ijoollewwan durbaa irraa gahaa jiruuf xiyyeeffanaan akka kennamuu ,warren yakka raawwatan akka itti gaafataman kan gaafatuudha.

Ergaa barreeffama Kanneen keessaa yeroo ammaa waan dubartii ta’aniif qofaa guyyaatti Dubartoonnii 10 saba jibba irratti hundaa’en akka ajeefaman kan ibseedha.

Akka gabaasin mootummaa feederaalaa Meeksikoo irraa bahe agarsiisutti bara 2021 dubartoonni 3,753 ajjeefamaniiru. Walgalatti guyyaatti dubartootaa 10tu ajeefamu jechuudha. Kanneen keessaa dhimmaa dubartootaa 1006 qofatuu akka ajeechaa jibba irratti hundaa’etti qoratamee akka seeraan ilaalamu taasifame.

Akka ibsaa mootummaa feederaalaa Meeksikootti bara kana ji’a Amaajjii keessaa qofa dubartoonni 293 kan ajjeefaman yemuu ta’u, dhimmii isaanii kan seeraan ilaalamaa jiru garuu kan dubartoota 76 duwwaadha.