Eertraan Humnoonni Tigraay Ajjeechaa Haalo Ba’iinsaa Baqattoota Irratti Raawwatan Jechuun Himatte

  • VOA

Faayilii - Ministirri Odeeffannoo Eetraa, Yemaanee Gebremesqel

Ministirri odeeffannoo Eetraa Yemaanee Gebremesqel ergaa Tweeter irratti barreessaniin, addi bilisummaa uummata Tigraay mooraa baqataa dabaluu dhaan ajjeechaa haaloo ba’iinsaa namoota nagtaa irratti geggeessaa jira.

Haa ta’u malee gochi suukaneessaan akkasii fi hojiin seeraan alaa TPLF, dhaabolii tokkummaa mootummootaa kan akka OCHA, UNHCR akkasumas caasaalee sabaa himaa mootummotaa fi sabaa himaaleen hidhata isaanii qaban siyaasaaf waan itti fayyadamaniif haguugame jedhan.

Karaa biraatiin Tokkummaa Mootummootatti dhabbanii baqattootaa, UNHCR, ajjeechaa baqatoota Ertiraa irratti geggeeffame jedhame kana akka hin qulqulleeffanne beeksise.

“Gabaasa ajjeechaa torban darbe Tigraay keessatti raawwatame jedhamee UNHCR quba qaba, gabaasa akkasii xiyyeeffannoodhan ilaala,” jechuudhan ergaa gabaabaa twiiterii irratti an dabarse dhabbatichi, battaluma hojjattoota isaa, dhabbilee wajjin hojjatan, akkasumas baqattoota Eertitaa Shiree jiran qunnauu eeree gaabasa jedhme garuu akka qulqulleeffachuu hin dandeenye ibseera.