Odeeffannoon marsariitiin 'Relifweb' baase akka jedhutti sababa walitti bu’iinsatin Hagayya darbee qabee walumaagala namoonni kumni 857 naannoo Oromiyaa fi Somalee Itoophiyaa keessaa buqahanii gara mooraa 370 keessa qubatanii jiran.
Walumaagala Itoophiyaa keessa yeroo ammaa kanatti ongee, walitti bu’iinsaa fi sababa balaa uumaa (an akka galoo roobaa guddaatin dhaqabun) lakkoofsi namoota qehee ofiirraa buqa’anii miliyoona tokkoo oli.
Buqqaatonni tajaajila gahaa malee ji'oota hedduu darbaaniif mooraa yeroo keessa jiraachuu, keesumattuu lakkoofsa namoota buqa’anii an biyyoota kaanittin walitti madaaludhan lammiiwwan 'Oromoo kuma 700,000 ol qehee fi qabeenya irraa buqananii jiran irraaffatamaniiru,' jechuudhan falmitoonni mirga dhala namaa biyyatti karaa miidiyaa hawaasummaa fi bifa gara garaatiin iyyachaa jiran.
Dhimma jabaa, hojii atattamaa barbaadu kana akkasumas walumaagala dhimma walitti bu’iinsa dangaa naannoo lamaanii irratti hubannoo Yunaaytid Isteets qabdu akkasumas qarqaarsi godhaa jirtu jiraachuu addaan baafachuudha dubbi-himaa imbaasii Ameerikaa Finfinneetti argamuu Niik Barneet dubbisneerra.
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa
Your browser doesn’t support HTML5