Ertiraan Odeeffannoo Walabaaf Boolla Dukkanaawaa Taate, Jedha CPJ-n

CPJ

Ertiraan biyyoota mirgoota gaazzexeessotaa ugguruun sadarkaa duraa irra jirtu tahuu, gareen mirga gaazzexeessotaaf falmu – CPJn gabaasaa haarawa baaseen beeksisee jira.

Garee mirga gaazzexeessotaaf falmu – CPJ-tti, Daarektara Damee falmaa mirga gaazzexeessotaa ka tahan – Koortinii Roodich, ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin akka jedhanitti, Ertiraan biyya odeeffannoof boolla dukkanaa taate, jechuun ni danda’ama – jechuun, Ertiraa keessa gaazzexeessaan walabaa tokkollee akka hin jirre dubbatan.

Mootummaan Ertiraa akka odeeffannoon walaba tahe biyyattii hin seennes tahe biyyattii dhaa hin bane, toftaalee cunqursaa, kanneen miidhaa qaamaa fi karaa marsaa digitaalii geggeessamutti ka fayyadamu tahuu dubbatan – Roodich.

“Mootummaan sochii gaazzexeessotaa kamiyyuu ni uggura. Oduu biyyattii keessaa gabaasuun ka danda’amu sabaa-himaalee yokaan miidiyaa biyyoota alaa keessa maadheffataniin qofa” jedhu.