Ba’ii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi dhimmoota sanaan wal-qabatan ilaalchisee hayyoota lama, hayyuu seeraa fi Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa seeraa, Obbo Cheerinnet Hordofaa fi xiinxalaa siyaasaa fi hayyuu dinagee, Dr. Guutuu Teessoo waliin marii kutaa lamaa Dirree Dimookiraasii irratti geggeessinee jirra.
Deemsa filannoo fi ba’ii isaa, paartiin filannoo gaggeeffameen sagalee caalmaa argate rakkoo biyyattiin amma keessa jirtu furuuf maal akka gochuun akka irraa eegamu, qormaatni fuul-dura isaa jiran maal maal akka tahanii fi dhimmoota biroo irratti fuuleffachuun yaada gam agama isaanii dubbatan, hayyoonni lameen.
Rakkoon gama siyaasaatiin jiru yoo furame rakkoolee biroon furmataa argachuu danda’aullee, jedhan. Qophii kutaa lameenii duraa-duuba dhaggeeffadhaa.
Your browser doesn’t support HTML5