Ba’iin filannoo Mozaambiik kan ifatti himameen akkuma eegametti kaadhimamaa paartii biyya bulchaa jiru Daani’eel Chaapoo filannoo pirezidaantummaa injifatanii jiru. Kaadhimamaa paartii Frelimo kan ta’an Daani’eel Chaapoon filannoo pirezidaantummaa kana sagalee dhibbeentaa 70.67 argachuun akka injifatan ba’iin Komishiniin Filannoo Biyyoolessaa Mozaambiik Kamisa kaleessaa baase ni mul’isa.
Kaadhimamaa walabaa Venancio Mondlane dhibbeentaa 20n sadarkaa lammaffaa irra kan jiran yoo ta’u, Kaadhimamaa paartii mormituu ijoo Renamo sagalee dhibbeentaa 6 gadi argatan. Ba’iin filannoo kun aangoo paartiin biyya bulchaa jiru Frelimo erga Mozaambiik gara waggaa 50 dura walabummaa argatte asitti qabatee jiru cimsa.
Mormitoonni filannoon kun shiraan kan hojjetame ta’uu ibsuun mormiin dabalataa akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessaa jiru. Kunis erga dhuma torbee darbee namoonni paartii mormitootaa lama rasaasaan ajjeefamanii booda. Xiinxaltoonni hanga tokko akka tilmaamanti, sagaleen kennamuu dura dargaggoonni quuqama Mondlane’f qaban kan ibsan ta’uus, Frelimo aangoo akka qabatu dubbatanii turan.
Mondlaneen sagalee kenname shiraan akka raawwatame dubbatan. Gareen isaanii ba'ii filannoo mormuuf haala mijeeffachaa osoo jiranii miseensonni paartii isaanii beekamoo lama dhuma torban darbee rasaasaan rukutamuun ajjeefamaniiru. Namoonni tokko tokko dhukaasni kun siyaasaan kan ka’e ta’uu kan dubbatan yoo ta’u, ajjeechaa kana kan balaaleffatan pirezidaantiin ammaa Filipe Nyusi, kanatu ta’e jechuun gara xumuraatti akka hin ariifanneef akeekkachiisaniiru.
Ergamoonni taajjabdoota Gamtaa Awurooppaa fi Hawaasa Misooma Afrikaa gama dhiyaa hanga ammaatti filannoo Onkoloolessa 9 gaggeeffame irratti xumuura irra ga’an isa dhumaa kan hin ibsineeyoo ta’u, ergamni Gamtaa Awurooppaa torban kana akka ibsetti, taajjabdoonni isaa 179 keessaa hangii tokko godinaalee, bulchiinsa naannoolee fi sadarkaa biyyaatti lakkoobsa gaggeeffamu akka hin hordoofne taasifamanii jiru.