Filannoo Prezidaantummaa kan bara 2016

  • Tuujubee Horaa
    Jaallannee Gammadaa

Filannoo Prezidaantummaa kan bara 2016

Filannoo Ameerikaa kan guyyaa har’aa geggeessamuuf lammiiwwan biyyattii sagalee kennaanii jiru. Kanneen keessaa garee lamaan jechuun Repaablikaanii fi demokraatotaaf kanneen sagalee kennan lammiiwwan Ameerikaa yaada isaanii nuuf hiranii jiran.

Adeemsa filannoo kana asuma Washington DC ganda Shaaw jedhutti kanneen argaman keessaa kaadhimamtoota lamaan utuu hin taane kan dorgommii kana itti hin milkaa’in hafan senator Sandersiin kaardii isaanii irratti kanneen barreeffatan illee turan.

Maatii tokko keessaa abbaan warraa fi haati warraa paartii adda addaa deggeran keessaa kan har’aaf keessummaa godhanne qabna.

Waggootii 23f walakkaa dhaaf qondaala humna galaanaa US ka turanii fi barnoota “Chemistry” kan qaban obbo Amaanuel Bayyanaa Badhaasoo Taampaa Filooridaa irraa ti. Paartii Repaablikaanii irraa ta’an iyyuu barana sagalee koo demokraatotaafan kenna jedhu.

Gabaasa guutuu caqasuuf kana cuqaasaa