Filannoo fi Dargaggoota

Filannoon Senetii fi Kongireesii Amerikaa ta baranaa odoo paartii Rippaabilikaan gammachiisaa paartii Democratii ammoo yaadessuu kunoo dhuftee guyyaaa filannoo geette. Paartiin Prezdaanti Obaamaa faa eegii biyya bulchuu jalqabdee ganna lammeessoo keessa jirti, taatullee akka dura yeroo filatamanii ijoollee fi dargaggoo irraa gargaarsa guddaa argachuutti hin jiran.Maalti maal tahe? Barattuun barmusaa siyaasaa Seenaa Jimjimoo illee Chicaagoo irraa kanuma jetti. Maaliif akka tahe illee ibsiti.

Paartii Rippaabilikaanii akka amma deemuutti jirutti mohannaan Senetii fi Kongireesii Amerikaa keessatti sagalee wayyabaa qabaata, tun bulchiinsa prezdaant Obaamaa hagam jijjiirti? ka jedhuuf ka deebii kennan xiinxalaayn siyaasaa Jawaar Mohaammad ammoo "tun mootummaa humna hin qamne uuma" jedha. MP3 tuquun guutmmaa isaa dhaggeeffadhaa.