Filannoon Somaaliyaa Kan Kallattiin Hin Ta’in Danqaa Siyaasaatiin Boodatti Harkifate 

  • VOA

Faayilii - prezidaant Mohaammed Abdullaahii Farmaajojo

Kaadhimamtoonni filannoo prezidaantummaa erga isaan prezidaant Mohaammed Abdullaahii Farmaajojo koree filannoo nama ofiin guutan jedhanii himatanii booda Somaaiyaan filannoo prezidaantummaa kallattiin hin ta’in geggeessuun rakkisaa itti ta’ee jira. Mormitoonni koree kan ofii isaanii koree dhaabate cinatti hundeessuun filannoo sana boodatti waan harkiseef yaaddoo sadarkaa addunyaa uumee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Filannoon Somaaliyaa Kan Kallattiin Hin Ta’in Danqaa Siyaasaatiin Boodatti Harkifate

Filannoo kallattiin hin ta’in kan Somaaliyaaf kaadhimamtoota 15tu hirmaatan. Kana keessattis bakka buutonni gosootaa miseensota paarlaamaa kanneen prezidaantii filatan filu. Haa ta’u malee kaadhimamtoonni 14 kan aangoo irra jiran prezidaant Mohamed Abdullaahi Farmaajoo koree filannoo nama ofii isaaniin guutan jechuun qeeqan.

Kaadhimamtoonni kun akka jedhanitti koreen sun deggertootaa fi basaastota dhaaba tika nagaa biyyoolessaa irraa walitti dhufan, kana jechuun namoota ofii isaaniitiin hundeessan jedhan.

Kaadhimamaa prezidantummaa keessaa jtokko Abdirhaman Abdishakur akka jedhanitti yaaddoon keenya koreen sun attamiin akka hundaa’ee fi miseensonni keenya hangi tokko keessa jiru.

Irra hedduun miseensota isaa dhaabbata tika nagaa biyyoolessaa irraa, kaan immoo hojjettoota mootummaa fi kaan isaanii deggertoota prezidaant Farmaajoo ti jedhan.