Filannoo pirezidaantummaa Amerikaaf guyyuma 20ti hafe warrii Awurooppaa Dhiyaa hagii guddaan Joe Biden deeggara:gabaasa

  • VOA

FILE - President Donald Trump and Democratic presidential candidate Joe Biden participate in the first presidential debate, Sept. 29, 2020, at Case Western Reserve University and Cleveland Clinic, in Cleveland.

Your browser doesn’t support HTML5

Traamp fi Baayiden Kutaalee Wal Dorgommiin Filannoo Itti Cimu Irratti Fuuleffatan

Amerikaan pirezidaantii wal dorgomsiifachuutti jirti.Joe Bidne, itti aanaan Obaamaa ka durii fi Donaldi Tiraampitti wal dorgomuutti jira. Tiraampi marroo lammeessoo Amerikaa bulchuuf dorgoma.

Akka gbaasii dhaaba filannoo qoratu YouGov,nama kuma kurnya hedduu qoratee jedhetti warrii Awurooppaa gama Dhiyaa Tiraampi caala akka Biden dorgommii Bitootessa 3 tana moo’u fedha.

Jara kana Biriteyin, Faransaay, Jermenii,Ispeen,Xalyaana, Denmaarkii fi Siwidiin keessaa wa gaafaan.Warrii Denmaarki harkii 80 Biden deeggara harkii 6 ammoo Tiraampi deeggara.

Xaliyaanaatti namii harka 20 akka paartiin Tiraampi, Rippaabilikaan dorgommii tana mootu fedha harka 58 akka Biden moohatu fedha.

Biriteyin, biyya jaala Amerikaa guddootti namii harka 61 akka Biden moo’u fedha namii harka 13 ammoo akka Tiraampi moo’u fedha.

Warrii Faransaay harkii 64 akka Biden moo’u fedha harka 14 Tiraampi deeggare.

Jermenitti nama harka 71 akka paartiin Demokiraati mootu fedha.Harkii 11 ammoo akka Tiraampi moohu fedha.Warrii Berlin hedduun akka White House keessaa jijjiiramii dhufu feena jedhee VOAtti hime.

"Bidenitti filama jedhee herrega tun ammo jireenna kiyya tuquu baattullee isa fedha jedha, Lukas Andereck, yoo waan jiraa VOAtti hime.

Paarsitti namii hagii tokko Joe Boden paarti Demokiraatii keessaa dorogmuutti jiru kanaayyuu hin beennu jedha.

“Adoo Tiraampi moohamee fedha taatullee moohamun isaa mirkanaa miti maan jennaan nama hedduu qaba.Anin Biden guddoo hin beeku jetti jiraattuun Paaris,Sophie Chiles.

Pierre Le Goff hojjataa mootummaati,yaadi isaalleen sunuma.

Ani Biden pirezidaantii tahuu dandahuu isaatuu hin beeku. Taatullee bulchaan dansaan dhufee jennaan hariyummaa dansaa biyya teenna waliin qabaatan jedhe herrega jedhee VOAtti hime.

Warri Barseloonaa,Ispeen filannoo Amerikaa abdiin eegatan.

“Lola daldalaa Tiraampi Chaayinaa,Awurooppaa,Eezhiyaa cufa waliin qabaate yaayyuu argine,”jedhee Sergie namii maqaa abbaa himachuu hin fedhin ka Barseloonaa dubate.

Awurooppaa gama Bahaati Tiraampi deeggarsa guddaa qaba.

Bara 2019 akka gabaasa PEW baasetti ummatii Poolishii harkii 50 oli yaada dansaa Tiraampiif qaba.Isatti achitti nagaa biyya suni eeguuf waraana Amerikaa hedduu ergeef.Warrii Kosovoolleen Tiraampi hin jaalata.

Pristina fi Belgrade araarfsuu guddoo carraaqe jedhanii faarsan.Warrii akka Tiraampi Koronaa irraa fayu hawweef namii aka Naim Murseli faatii warra Kosoovooti.

Warrii Albaaiyaa faatii ka Amerikaa guddoo faarsu keessaa ka Tiraampi faarsulleen hinuma jira.

Warrii Awurooppaa waan filannoon pirezidaantummaa Amerikaa Sadaasaa 3 dhuftuun gurruma qeessee ufi irratti caqasuutti jira.