Ummanni Qucaa Gaafiin Mirga Eenyummaa Keenya Deebi Dhabe Jechuudhan Ammas Mana Marii Federeshiiniitti Iyyate

Ummatii Qucaa mootummaa naannoo kibbaa godina Gamoo Goofaa keessa qubata

Aanaan Qucaa Naanoo Ummata Kibbaatti aanaalee Godina Gammugoofaa keessa tokko. Ummanni Qucaa mirgi eenyumaa keenya nu haa kabajamuu jechuudhan koree dhaabee iyyata Mana Maree Feedhereeshiniiti ergate.

Miseensa koree ummataan dhabbate jedheme , Federeeshinii Itoophiyaatti iyyata 32faa galchuu Finfinneetti imalee keessaa Obboo Indiriyaas Haphisaa fi Obboo Hayilee Ayyisaa “ummanni gaafi kana erga kaasuu jalqabee tureera” jedhani, bara 2013 jalqabee Mana Marii Naannoo Ummata Kibbaatti akka seerii fi heerrii biyyatti eyyamutti gafii dhiheeffachaa turu dubbatan.

Dabalaniis, “Akka labsiin jedhutti gaafiin kun yeroo xinnoo keesatti deebi argachu qaba. Manni marii nanichaa oggaa 2 keessatti deebii kennu hoo dadhabee Manni Marii Fedeereeshinii dhimma kana laaluu akka qabuus herri biyyitti hin hima. Ogga sadeen kana keessatti egga kun hunduu hin taane,” jedhaniiru.

Koreen kun iyyanni amma kun hoo 32ffaa dhaaf dhihaate jedhanii deebiin amma ammatti akka hin argamnees tuqaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa Sagalee..