FINFINNEE —
Muummee ministira Itoophiyaa Abiyyi Ahimad humnoonni qabsoo hidhannoo keessa jiran yeroo kaamiyuu marii kara nagaaf qophii yoo ta'an mootummaan isaanii qophii ta'uu ibsaniiru. Abiyyi gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa kaasan; walitti bu'iinsa Itiyoophiyaa keessatti deema jiru dabalatee, dhimmoota garaa garaa irrattis deebii kennaniiru. Mootumman isaanii waldhabdee Somaaliyaa waliin jiru mariin hiikuuf qophii ta’uus irra deebi'an dubbataniiru.