Gaanfaa Afrikaatti Jila Addaa Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaa Deeman

Gaanfaa Afrikaatti jila addaa Yunaayitid isteets kan ta’an Deeviid Istaaterfiild Akka lakoofsaa Itiyoophiyaatti Bitootessa 12 fi 13 haanga’oota mootumma Itiyoophiyaa , haanga’ootaa gamta Afrikaa fi Mootummootaa Gamtoomanii,akkasumas bakka bu’ootaa dhaabilee gargaarsa namoomaa wajiin marii taasisuudhaaf garaa Itiyoophiyaatti imaluu isaanii Ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteets ibsaa baaseen beekisee jiraa.

Jilli adda Deeviid Istaaterfiild, gaanfaa Afrikaatti bakka bu’aa addaa gamtaa Afrikaa kan ta’an Olusegoon Obaasanjoo akkasumas gamtaa Afrikaatti komishinerii dhimmoottan siyaasaa, nageenyaa fi tikaa waliin waa’ee Sudaaniif Itiyoophiya irratti marii taasisuu isaanii ibsii ministeeraa dhimma alaa Yunaayitid Isteets kun beeksisera.