Gaazexeessitotii Afrikaa Kibbaa mootummaan hujii gaazexeessitotaa keessa seenuu haa dhaabuu jedhanii hiriira bahan

  • VOA

South Africa Public Broadcaster Protest

Jarii hiriira bahe kun Sab-Qunnamtii mootummaa Afirkaa Kibbaa [SABC] keessaa hojjataa achuma duratti hiriira bahee akka mootummaan mirga gaazexeessitotaa ulfeessee hujii isaanii keessa seenuu dhaabu gaafate.

Korporeeshiiniin oduu Afrikaa Kibbaa dhiyoo tanaayyuu akka gaazexessitotii oduu akka jequmsa,qabeenna hiriira irratti badee fi oduu akka akkaa hin gabaasne gaafate.

Sab-Qunnamtiin mootummaa Afrikaa Kibbaa, SABC gaazexeessitota isaa waliin hojjachuu didanii fi falman jahaa oli hujii irraa dhaabe.

Gaazexeessitotii tun rakkoo isaan irra geettu sab-qunnamtii ufii irratti dubbachuu dadhabanii ka dhibiin barbaadatan

Itti gaafatamaan eegataa SABC hujii akkanaa hojjachuu hin dadandahuu jedhee irraa bu’e.Hujii gaazexeessitotaa keessa seenuun barbaachisaa mitii jedhee falmee jennaan isaayyuu dubbii itti jabeessan.

SABC akka gaazexeessitotii hiriira torbaan dabre magaalaa Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaa keessatti bahanillee akka hin gabaasne dhowwee hojjattootallee hujii irraa dhaabe.