Galaana Diimaa Keessatti Bidruwwan Lama Garagaluun Beekamee Jira

Kibxata Amajjii 29 bara 2019 bidiruwwan lama godaantoota fe’anii galaana Medtreniyaan ituu imalaa jiranii handaara galaana Jabuutitti garagaluun beekamee jira. Reeffii namoota 48 argamuu waardiyyaan handaara galaanaa ibsee jira. Qondaalli eenyummaan isaa ifatti akka hin ibsamne gaafate tokko Raadiyoo Sagalee Amerikaa sagantaa Afaan Somaaleef akka ibseetti namnii 16 lubbuun hafanii jiran.

Dhaabnii godaantootaa kan addunyaa (IOM) lakkoofsa namoota lubbuun hafanii 16 ta’u mirkaneessee jira.Kanneen lubbuun hafan akka jedhanti jedha dhaabnii kun Bidiruwwan lama irra godaantoota 130 tu ture.Imaltuun isaanis Yaman dhaqqabuuf akka ture ibsamee jra.

Bidruun garagaltee ka lammaffaa eessa buteen ishee hin beekamin jira.Godaantoonni kun lammiwwan biyya kami akka ta’an ragaan agarsiisuu dhabamuus muxannoo jiru irraa lammiwwan Itiyoophiyaa ta’u isaanii fi lammiwwan Ertraa keessa jiraachuu akka malan Qondaalli ijaan argan ibsanii jiru. Bidruwwan lameen bubbee fi rooba hamaa keessa imalaa akka turan ibsamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu caqasaa