Gammoojjii Oromiyaa jahaantuu lafti bona

Itoophiyaa naannoo akka akkaatti barana bokkaa argachuu malan hin arganne.Rakkoon bonaa tun gammoojjii Oromiyaa jaha keessaa haga tokko horii fixaa haga tokkotti ammoo nama hedduu dheebessuutti jirti.Akka gabaasa dhaaba gargaarsa Amerikaa USAIDtti bonii kun godina Oromiyaa keessaa Kibbaa fi Kibba gama Bahaatii fi naannoo Soomaleetti akkanuma nama rakkise ammoo godina Booranaatti jabaate.Bokkaan Hagayyaa roobuu dhabuu fi Gannillee haga ammaallee akka dansaa roobuun dhabuun nama hedduu yaaddessuutti jira.

Akka itti gaafatamaa Gaaddisa Horsiisee Bulaa Oromiyaa aabba Nuuraa Diidaatti abbooti gadaa Booranaa ta seera gadaa guutachuuf Liibanitti godaanan irraa horii hedduutti dhumate.Bokkaan kun ammallee haga torbaan lamaatti roobuu baannaan akka aabba Nuuraatti rakkoo jabduutti dhalataa namii gargaarsa argachuu male. Gargaarsii diqqaan kennuutti jiran akka Amaanu’el Liiban nama rakkoo tana keessaa beekuu ka waan jiraa Finfinnee nutti himeetti, gargaarsii jiru diqqaa sunuu gara cufaa gahuutti hin jiru.

Mee marii teenna MP3 Komputera keessanii oli gama harka mirgaatii caqasaa.