Your browser doesn’t support HTML5
Dhaabii Barnoota,Saayinsii fi Aadaa Tokkummaa Mootummootaa UNESCO ganna sadiin duratti Gadaa Oromoo hambaati jedhee galmeesse.
Guyyaa kana amma Booranattti ulfeessuutti jiran. Akka itti gaafatamaan Waajjira Tuurizimii Booranaa aabba Bonayaa Diidoo jedhetti guyyaan kun gannuma gannaan ulfeessaa dhalootii dhufu waan warqata qofaa mitii aadaa fi jireenna lafa irraa mullatu jabeeffatuuf guyyaa kana ulfeessan.
Guyyaa kanatti Raabaa,Kuusaa,Gadaammojjii fi qaamii gadaa keesaa cufa achitti argan.
Tana maleellee faaya,mana,nyataa fi dhugaatii Booranaa, Gujii, Gabraa fi walumattuu Oromoo balloo hedduu achitti agarsiisan.
Guyyaa kana bulchoota mootummaa federalaa fi naannoo hedduutit itti dhufa.
Booranilleen rakkoo duruu mootummaatit himachaa bahe hedduu gaafachuuf kurfoo jira jedha aabba Kanuu Jirmoo.
Rakkoo gugurdoo himachuutti jiran keessaa:
- Booranii akkuma bal’inna lafa isaatti godina lama akka argatu
- Akka dubbiin Mooyyalee fala argattu
- KomaandI Poostiin akka Boorana irraa kaatu
- Porojeektii bisaan Booranaa,bisaan Billiqqoo ganna 10n duratti jalqabanii asi cophxeeyyuu dhaban jedhan akka fala argatan
- Akka hujii Diida Xuyyuura hojjachuuf jedhanii lafa irraa nama kaasanii achumaan hujiin dhaabattee jalqabanii fixan
- Akka gabayaa horii Booranatti jaaran fi waan hedduu yoo carraa argatan gaafachuuf kurfoo jiran
Jiltii guyyaa Gadaa Oromoo tun hardhaa fi boritti waan hedduu irraa barachuuf kurfoo jiran