Mootummaan Itiyoopiyaa Gargaarsi Namoomaa Tigraayiif Akka Ergamu Saffisaan Hojjetamaa Jira Jedhe

  • VOA

FAAYILII: Namoota midhaan nyaataa fudhachuuf hiriiran, Shiree, Bitootessa 15, 2021

Mootummaan Itiyoopiyaa naannoo Tigraay keessatti kanneen argaman lammiiwwan gargaarsi namoomaa isaan barbaachisu dhiyeessiin gargaarsaa akka ariifatu gochuuf tarkaanfii fudhataa jira jedhee jira. Akkuma kanaan lakkoobsa balalii gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa akka dabalu akkasumas dhaaboliin gargaarsaaf sirna boba’aa fi maallaqi callaan itti dhiyaachuu danda’u akka ariifatu taasisameera.

Koreen fannoo diimaa addunyaa jarmayaa fayyaa addunyaa fi gamtaan Awrooppaa deggersi namoomaa akka dhaqqabuuf haala mijeessaniiru. Itti dabaluu dhaanis mootummaan Itiyoophiyaa Abaalaa dhaa gara Maqaleetti geejjibe lafootiin gargaarsi namoomaa dhaqqabuu akka danda’u waan barbaachise mara gochaa akka jiru beeksisee jira.