Gargaarsii Namoomaa Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Haala Foyyee Qabuun Dhaqqabaa Jira: Bliinkan 

  • VOA

FAAYILII - Ministeerri Haajaa Alaa Yunaaytid Isteets, Antonii Bliinkan

Uummata bulchiinsa naannooAfaar Amaaraa fi Tigraay keessaa kanneen gargaarsa dhala namaa eeggatan jiran akka argatan gama gochuun foyya’iinsa arameef ministeerri haajaa alaa Yunaaytid Isteets Antonii Bliinkan galateeffatanii jiru.

Guyyoota dabran 7 keessatti kokolaataan fe’umsaa 1100 caalaan Tigraay seenuun, nyaata lubbuu ofii ittiin olfatan, miidhama hanqiina nyaataa gargaaruu fi meeshaa tajaajiila eegumsa fayyaa fi gargaarsa kanneen biroon dhaqqabee jira.

Kunis namoota hojii gargaarsa dhala namaa kan lubbuu namaa du’a irraa olchuuf ta’u keessatti cichaan hojjii jabaa hojjatameen ta’u ibsan.

Gargaarsii uummata eeggataa jiru akka dhaqqabu gama gochuun Keessumaa mootummaan Itiyoophiyaa, akkasumas aangawoota bulchiinsa naannoo Afaarii Amaaraafi kan Tigraay wal ta’iinsa agarsisan ni dinqiisiifanna jedhan Bliinkan.

Akkasumas, dhaabatonni Tokkummaa Mootummootaa fi jaarmayoota addunyaa akkasumas michoonni mootummaaYunaaytid Isteets fi jaarmayoonni gargaarsa dhala namaa kanneen Itiyoophiyaa keessaa galateeffatan.

Paartileen martii haala amma jiru irratti hunda’anii marii itti fufuun walitti bu’iinsa jirutti xumuura akka tolfatan kan gaafatan Bliinkan naanoo walitti bu’iinsaan midhamanti tajaaiilli cite jiru iddotti akka deebi’uu gaafatan.

Kana malees deemsa siyaasaa hundumaa hirmaachisee akka deggeran kunis nagaa fi badhaadhiina lammiwwan Itiyoophiyaa maraaf akka argamsisuu dhiittaa mirga namoomaa gama hundaan dhaqqabeef itti gaafatamummaan akka jiraatu gaafatanii jiru.