Gatiin sharafa maallaqa Itiyoophiyaa ammas ni kufe

Gatiin sharafa maallaqaa gad cabuun guddina dinagdee raafamaa jiru kaasuuf gargaaraa jetti Itiyoophiyaan

Baankiin Waaltaa Itiyoophiyaa sharafni qarshii Ethiopiaa kufee, doolaarri tokko kan duraan qarshii 13tti sharafamaa ture, amma qarshii 16ti akka sharafamuu labsee jira. Bakka bu’aan dhaabbata maallaqa addunyaa ka Finfinnee jiruu Shukh winder Singh Toor tarkaanfii kana simatanii, dinagdee Itiyoophiyaa raafamaa jiru ol kaasuuf gargaaraa jedhan.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti garu,sharafi kun kufuun Itiyoophiyaan kan alaa bittee galfattuu fi gabaa addunyaatti gurgurtaaf kan dhiyeessitu gidduu garaagarummaa jiru fooyyessa. Waggaa bajataa 2010tti Itiyoophiyaan meeshaalee biyya alaa bittuuf kan baaftu doolaara biiliyoona 8.7 fi kan gara biyya alaatti ergitu irraa kan argattu doolaara biliyoona 1.7 waliin yoo ilaalamu, garaagarummaa doolaara biliyoona torbaa jiraachuun ibsamee jira.

Itiyoophiyaan alaa bittee kan galchitu fi baasii irra hedduun kan gaafatu boba’aa fi midhaan nyaataa akka ta’e kan ibsan Qorataan kutaa Maaykro-ikonoimii Itiyoophiyaa Teewoodros Mekonnen,kan alatti ergitu immoo oomisha qonnaa waan ta’eef, gatiin gad cabaa ta’e kun battala bu’aa argamsisuu hin danda’u jedhan. Ityoophiyaan buna biyya alaatti erguun Afrikaa keessaa beekamtuu yoo taatu, saliixa erguu dhaan immoo, addunyaa irraa sadarkaa afuraffaa irra jirti.

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Meles Zenaawi jaarmoliin sadarkaa addunyaa gaaffii keessa galchan iyyuu, waggoota torban darban keessa dinagdeen biyyattii dhibba irraa harka kudhaniin guddateera jedhan. Sadarkaa jireenya biyyoota hiyyummaa keessa jiraatanii madaaluun Tokkummaan mootummootaa fi Oxford Yniversitiin dhiyeenya ibsi baasee akka agarsiisutti, Itiyophiyaan addunyaa irraatti Nijeryaatti aantee hiyyumaan sadarkaa lammataa irra jirti.