Geediyoon Ximotiyoos Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ta'uun Muudaman

  • VOA

Obboo Geediyoon Ximotiyoosi (suuraa faayilii)

Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad Muudama Haaraa Kennanii Jiru. Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Jimaata har’a Obbo Geediyoon Ximotiyoosiin ministeera haajaa alaa biyyatti gochuun muudamaniiru.Kunis Obbo Taayyee Asqa Sillaasee kan dhiyeenya kana prezidaantii Itiyoophiyaa ta’an bakka buusuuf ta’aa.
Obbo Geediyoon Onkoloolessa bara 2021 irraa eegalee ministeera Haqaa ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, kanaan duras Abbaa Alangaa mummicha biyyatti Itoophiyaa ta'uun tajaajilaniiru.

Muudamni Obbo Geediyoon kun yeroo murteessaa Itiyoophiyaan qormaata biyya keessaa fi alaa mudatteetti. Itoophiyaan qooddannaa bishaan laga Abbayyaa, kan ijaarsa Hidha Haaromsaa wal qabatee Masrii waliin waldhabdee keessa jirti. Itiyoophiyaa fi Somaaliyaanis Waliigaltee falmisiisaa Fimfinneen jalqaba bara kanaa naannoo Somaaliyaa addaan baate waliin mallatteessiteen muddamsa diplomaasii keessa seenanii jiru.

Hojiin siyaasaa ol’aanaa Obbo Geediyoon kan jalqabee Onkoloolessa bara 2018 yeroo mummichi ministeeraa Abiy Ahmad Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa keessatti itti aanaa gochuun erga muudanii booda. Muudama siyaasaa sana dura Obbo Geediyoon waggoota dheeraaf miseensa Faakulttii Seeraa kan Yuunivarsiitii Finfinnee ta’uun seera heeraa barsiisaa turan.

Muudama ka biraa kennaniinis, Dr. Abiyyi Ahimad Amajjii bara 2023 irraa eegalee komishinara Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan turan Aaddee Hana Araya-Selassee ministeera Haqaa haaraa godhaniiru. Itti aantuu Ministeera Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Aaddee Selamawit Kaasaa ministeera Tuurizimii ta'uun muudamaniiru. Angoo kanas aaddee Nassise Chali tu qabatee ture.