Giinii Keessatti Mootummaa Ce’umsaa Ijaaruuf Dubbataa Jiran

  • VOA

Waraanni, mootummaa Ginii torban tokko dura aangoo irraa darbee Kibxata kaleessaa qabee walgahii guyyaa furii kan jalqabee yoo ta’u, kunis mootummaa ce’umsaa ijaaruuf akka ta’e ibse.

Kanneen prezidaant Alfaa Konee aangoo irraa buusan kun akka jedhanti, magaala galma mootummaa biyyatti Konaakrii keessatti hogganoota siyaasaa, daldalaa fi amantii waliin boqonnaa haaraa biyyatti irratti dubbachuuf deeman.

Hawaasa dinagdee biyyoota Afrikaa Dhiyaa (ECOWAS) aangoo Giniin murtii kennuuf qabdu irraa dhaabee ce’uumsii sivilootaan hogganamuu yeroo gabaabaa keessatti akka dhaabatu iyyate.