Beeneeshaanguul Gumuuz Kan Seenan Godaantonni Sudaan 22,000 Gara Qubsuma Haaraatti Geessamaa Jiru

  • VOA

FAAYILII - Buufata Dhaabbata godaantootaa, IOM, Matammaa, Caamsaa 4, 2023.

Walitti bu’iinsa Sudaan keessaa kan waggaa tokko caalaa lakkobsiseen kan ka’e, Kan Kurmuuk keessatti baqatan godaantonni sudaan 22,000 bulchiinsa naannoo sanuuma keessatti kan qophaa’ee buufata dahannaa dhaabbataa Uraa jedhamutti geeffamaa akka jiran waajiirri tajaajiila godaantootaa fi kanneen godaansa irraa deebi’anii kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Dhaabata tajaajiilaa kanatti itti gaafatamaa dame Asoosaa kan ta’an Obbo Yaasiin Ashannaafii sagalee Amerikaaf akka ibsanti godaantoonni kan keessa turan buufanni dahannaa yeroo kumruuk daangaatti dhiyoo ta’u isaan ulaagaa sadarkaa addunyaa isa fageenya kiloo meetra 50 qabaachuu qaba jedhu kan hin guunnee waan ta’eef buufanni haaraan Uraan qophaa’uu isaa, haga ammaattis godaantoonni kuma 4 achii seenuu isaanii ibsan.

Kanneen hafan kumnii 18 guyyoota 10 keessatti gara buufata haaraatti geeffamuu jedhan. Moraan haaraan kun godaantoota 50,000 qophaa’uu isaa gama kaaniin mma iyyu guyyaa guyyaatti godaantoota 60-100 simataa akka jiran Obbo yaasiin Ashanaafii ibsanii jiru.

Dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) hojii godaantoota kana mooraa haaraatti geessuu baatii waxabajjii dabree jalqabamuu isaa hanga torban dabreeetti, godaantoonni 3400 mooraa haaraa seenuu isaanii guyyaa 6 dura marsariitti ofii irratti ibsuu isaa Gabra Mikaa’el Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.