Godinaa Booranaa, magaalaa Dubluqii fi magaalaa Areeroo keessatti hiriirri mormii geggeessamuu isaa jiraattonni dubbataa jiran. Gama biraatiin, Godinaa Gujii, aanaa Oddoo Shaakkisoo, ganda Magaaddoo keessatti gara xumura torban dabree irraa jalqabee uummata mormiif yaa’ee fi humnoota waraana federaalaa gidduutti walitti-bu’insa uumameen gama uummataa irraa yoo xiqqaate namoonni sadii du’uu isaanii, jiraattonni naannoo dubbataa jiran.
Guutummaa sanaa fi aanaalee kaan keessatti humnoonni mootummaa federaalaa akka jiraattota, keessumaa dargaggoota reebaa fi hiraarsaa jiran illee dubbatan. Bulchaan magaalaa Shaakkisoo, Obbo Waddeessaa Waaqoo garuu, “kan aanaa keenya keessa jiru warruma aanaa bulchan gaafadhaa. Magaalaa ani bulchu, Shaakkisoo keessatti garuu guyyaa tokko illee mormiin ka’e hin jiru. Hiriirris hin geggeessamne, miidhaan humnoonni federaalaa raaw’atanis gonkumaa hin jiru.” jedhan.
Gama birana Godiina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kutaayee magaalaa Gooroo Soolee keessatti gaafa Roobii Guraandhala 24 bara 2016 barataa kutaa kudhanii kan ture Mootummaa Fayyeeraa jedhamu humnootii waraana mootummaa Itiyoophiyaan ajjefamuu jiraattonni maatii isaatti dhiyeenya qaban ibsanii jiru.
Itti gaafatamtoonni waajiira poolisii ka duraan achi turaniis ta’e kan haaraa muudaman waa’ee du’a barataa kanaa waan beeknu hin qabnu jedhu.Itti aanaa bulchaan magaalaa Gooroo Soolee Obbo Diroo Siiqaa, "walakkeessa halkanii booda yeroo lama dhukaasa dhageenyee eega turree booda yeroo lafti bari’u barataa Mootummaa Fayyeeraa ajjefamuu dhageenye. Sana booda deemnee lafa kufetti argine," jedhii, eenyu akka ajjeese garuu akka hin beekne dubbatu.
Obbo Diroo Siiqaan, yeroo qorannaa gaggeessinetti, kanneen iddoo sana turan, "waraanni mootummaa mana cabsee erga seenee booda barataa Mootummaan dheessuuf yaalee rasaasaan iddoo lama rukutamuu isaa argiineerra jedhan" jedhanii ,"qorannaa poolisiin gaggeesse homaa akka hin agarre dubbatan bulchaan magaalaa Gooroo Soolee.
Your browser doesn’t support HTML5