Godinaalee Kibba Baha Oromiyaa 7 Keessatti Uummatni Kuma 800 Hongeef Saaxilamuun Ibsame

FAAYILII - Naannoo Oromiyaa, Boorana

Godinaalee Kibba Baha Oromiyaa torba keessatti uummatni Kuma 800 ol hongeef saaxila bahuu isaanii Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaafi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa beeksise.

Your browser doesn’t support HTML5

Godinaalee Kibba Baha Oromiyaa 7 Keessatti Uummatni Kuma 800 Hongeef Saaxilamuun Ibsame

Komishinarri Komishinichaa Musxafaa Kadir sababaa hongee kanaan beeyladootni kuma 180 ol du'aniiru jedhan. Mootummaan balaa hongeen kun qaqqabsiisuu malu xiqqeessuuf hojjataa jiraatullee, dhaabbileefi hawaasnillee kan gahee isaanii akka bahatan jechuun dhaamaniiru.

Dabalataanis, Komishinar Musxafaan sababaa Dhabamuu nagaan wal qabatee namootni kuma 500 ol gargaarsa akka argataa jiran eeranii, lakkoofsi namoota Oromiyaa keessatti gargaarsa argataa jiranii Miliyoona 4 fi Kuma 900 caaluu dubbatanii jiru.