Liyyuu Poolisiin Uummata Aanaa Gursum Haleeluun Lubbuu Galaafatee Hedduu Madeesse: Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Gursum

  • Tuujubee Horaa

Godina Harargee Bahaa aanaa Gursum araddaa Kaasaa Oromiyaa keessatti har’a Liyyuu Poolisiin uummata irratti haleellaa raawwateen namoonni du’anii fi madaa’an jiraachuu jiraattonni fi waajjirri kominikeeshinii aanichaa ibsaniiru.

Buufata fayyaa Gursum kan magaalaa funyaan biraa keessatti namoota madaa’an kanaaf wal’aansa kan kennan Ogeessa wal’aansa fayyaa akka jedhanitti namoota rukutamanii madaa’an keessa bulchaan araddaa jiraachuu nuuf ibsan.

Waajjira kominikeeshinii aanichaatti itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii aanaa Gursum obbo Ibraahim Aliyyii namoonni du’an afur kan madaa’an immoo 18 ta’uu dubbatan.

Gama biraan immoo gidina shawaa bahaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti har’a manni seeraan ala ijaarame mootummaan diiguu isaan walitti bu’iinsa uumameen namni tokko rasaasaan rukutamuun aarii uummataa qabsiisuu dubbatan.

Walitti bu’iinsi kun uumamuu fi nama rukutame jedhame kan ilaaleen waajjirri isaanii quba qaba yoo kantiibaan magaalaa Adaamaa aadde Adaanech Hababee gaafatamanii quba qabaachuu isaanii fi namni tokko humna poolisiin rukutamee madaa’uu nuuf mirkaneessaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Liyyuu Poolisiin Uummata Aanaa Gursum Haleeluun Lubbuu Galaafatee Hedduu Madeesse: Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Gursum