Barreessaa Dureen Tokkummaa Mootummootaa fi Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Bilbilaan Dubbatan

  • VOA

Faayilii - Barreessaa Dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarees

Haallii gargaarsa dhala namaa kan Tigraay keessaa akkaan yaaddeessaa ta’u isaa Mummicha Ministeeraa Abiyyi Ahmad waliin kaleessa dubbachuu isaanii Barreessaa Dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarees fuula Twiterri ofii irratti barreessani jiru.

Carraan gargaarsa dhala namaa argachuu kan hin daangeeffamne akka jiraachuu qabu, siviilootaa fi caasaa tajaajiila siviilootaaf eeguumsii akka jiraatuuf kanneen walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban martii waan danda’an mara gochuu qabu jedhan.