Gutereez Afrikaan Gola Naga Eegumsaa Keessatti Biyyoota Miseensa Dhaabbataa Ta'an Lamaan Bakka Buufamuu Qabdu Ibsan

  • VOA

Barreessaa Duree Dhabbata Mootummota Gamtoomanii Antoniyoo Gutarrees fi Musaa Faakii Maahmaatii, Finfinnee, Adoleessa 9, 2018.

Afrikaan mana maree gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa keessatti biyyoota miseensa dhaabbataa ta’an lamaan bakka buufamuu akka qabdu dhaabbatichaaf barreessaa duree kan ta’an Antoniyoo Gutarrees ibsanii jiru.

Gutereez Finfinnee keessatti ibsa kennaniin golli naga eegumsaa foyyeeffamuu fi bakka buufamuu Afrikaa ilaalchisee miseensoota Tokkummaa Mootummootaa gidduu walii galteen akka jiru ibsanii caasaan maallaqa addunyaas haala Afrikaaf bu’aa argamsisuun foyyeeffamuu akka qabu walii galtee irra ga’amuu ibsan.

Guterees Mummicha Ministeeraa Abiyyi Ahmad waliin ta’uun teessoo komiishiina dinagdee Afrikaa kan ta’efi galma Afrikaa isa haaroomfamee eebbisanii jiru.Dura ta'an komiishiina dinagdee Afrikaa kana ta'an Musaa Faakii Maahmaatis irratti argamanii jiran.

Gumii walta’iinsa gamtaa Afrikaa fi kan Tokkummaa Mootummootaa isa 8ffaa fi eebba galma Afrikaa irratti argamuuf Dilbata kaleessaa Finfinnee kana seenan Antoniyoo Gutereez har’a Finfinnee keessatti Gaazexxesistootaaf ibsa kennan.

Dura ta’an Komiishiina Afrikaa, Musaa Faakii Maahmaat, ibsa kennaniin walta’iinsa hanga ammaa jiruu fi qormaata Afrikaa mudate irratti kaasanii dubbatanii jiru.Nagaa fi nageenya, mirga dhala namaa fi misooma waaraa dhimmoota fafakkaatan irratti jaarmayonni lameen karoora baasuun walta’iinsaan hojjataa akka turan kan ibsan Gutereez ta’uus garu Afrikaan rakkoolee ishee mudataniif furmaata argachuuf caasaalee addunyaa adda addaa irraa haala quubsaa ta’een tajaajilamtu akka hin taanee ibsuu isaanii Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.