Haasaan Prezidaantii Zembaabuwee qeeqame

  • VOA

Muummee ministiraa Biriteen Boriis Joonson, Pirezdaantii Zimbaabwee Imarsan Manangaaguwaa, fi Barreessaa muummee Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guterees yaa'ii dhimma eegumsa naannoo irratti, Sadaaasa 1, 2021

Dhimma eegumsa naannoo irratti haasaan prezidaantiin Zimbaabuwee Imarsan Manangaaguwaa walgahii addunyaa irratti dhiheessan ordofuudhaan quuqamtooni eegumsa naannoo biyyatii haarii qaban ibsuun isaanii gabaasameera.

Walgahii haala qileensa idilee adduunyaa issaa biyya Iskootlaand magaala Gilaaskoo keessatti taasifamaa ture irratti Prezidaantiin Zimbaabuwee haasaa taasisaniin, biyyoottan diinagdeedhaan guddatan, Gaazii gubataa facaasuudhaan faalaama qileensaatiif gahee taphachuu isaanii ibsani, biyyoottan guddachaa jiraa warren akka Zembaabuwee waan qileensa gubataa kanaan hubamaniif beenyaa argachuu akka qaban gaafatanii turan.

Prezidaant Emersan Manangaaguwaa biyyii isaanii eegumsaa naannootiif akka dhaabbatan ibsanniyuu lammileen Zembaabuwee garuu mootummaan Manangaaguwaa lafa biyyatii albuudaa kasalaa akka omishanuuf kaampanota chaayinaatiif kennaa jiraachuu isaa kaasudhaa mormii dhiheesani jiru.

Mootummaan Zimbaabuwee kaampanotaa chaayinaatif eeyyama kennun isaa mancaa’insaa bosonaa fi faalama qilleensaa waan uumuuf akka walii galteen kaampanota chaayinaa waliin taasifame haqamu gaafachaa jiru.