Pirezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayiden mana maree bakka bu’ootaa lamaaniif haasaa biyyooleessaa kan yeroo sadaffaaffaaf taasisan dhaggeeffachuuf miseensonni mana marichaa Kaappitoollitti walitti qabamaniiru. Miseensoonni seera tumtootaa, Abootiin seeraa mana murtii walii gala fi Kaabiineen pirezidaantichaa akkasumas keessummoonni biyya keessaa fi biyyoota alaa irratti affeeraman eeggamaa jiru. Haasaa Pireziidantichaa , itti aanees haasaa isaanii irratti deebii warra Rippaabulikaanii hordofnee isin biraan geenya.
- Yoo Yunaayitid Isteetis Yukireenitti dugda deebifatte, Yukireen tu kufa. Awurooppaa tu kufa. Kanaaf nuti Yukireenitti dugda hin deebifannu jedhan.
Yeroo isaan taayitaa qabatan yeroo COVID 19 biyyattii rakkoo keessa hamaa keessa buuse akka tahe dubbatanii, prezidaantiin isaanii duraa Doonaald Traamp tarkaanfii fudhachuu hanqachuu qeeqanii, gama tajaajila kanaatiin mootummaan isaanii akka tokkollee gara boodaatti hin hafne hubachisan.
Pireedzidaantii Yuunaayitid Isteetis duranii irratti qeeqa dhiyyeessaniiru. Roonaald Reegaan gaamtaa Sooviyeet yeroo sanaa Pireezidaant Maayikeel Garbaachoov dallaa Beerliin akka diigan gaafatanii akka ture yaadachiisanii Tiraampi garuu Puutiin waan barbaadan akka godhan akka jajjabbeesan dubbatan – Prezidaant Baayiden.
"Biyya kee kan ati jaallattu yeroo injifattu qofa miti” kan jedhan, Prezidaant Baayiden, NATO caalaatti akkaq jabeessan eeranii, kan biyyi isanii miseensa NATO haarawa taate Muummicha Ministataa akka keessummaatti galma haasawaa sana keessatti argaman baga nagaan dhuftan, jedhanii jiran.
Ameerikaan gara duubaatti hin deebitu, waggoota Afuriin dura biyyattiin weerara Koronaan yommuu rukutamtu namoonni miiliyoona tokko dhumaniiru. Pirezidaantiin yeroo sanatti turan itti gaafatamummaa osoo hin ba’atiin hafan. Amma sana keessaa baanee seenaa galmeesfineerra. Weerarichi amma lubbuu keenya hin to’atu, to’annaa keenya jala oolchineerra. Ameerikaan kanadha jedhaniiru Joo Baayideen dubbii isaanii keessatti.
Baasii lammiileen Ameerikaa qorichaa fi mana yaalaaf baasan akka hir’isan Pireezidaantichi waadaa galaniiru. Kanaanis doolaara biiliyoona 200 hambisuu akka danda’an himaniiru. Lammiilee hundaaf gatiin qorichaa dhibbeentaa 40’n ni hir’isna. Imaammani Wabii fayyaa Obaamaa ammas barbaachiisaadha jedhaniiru. Wabii fayyaa kana akka dhaabnu barbaadu. Kana hin eeyyamnu jedhanii Giftii duree Jiilii Baayidaniin kan hoogganamu fayyaa dubartootaa irratti qorannoo kan taasisu hojiin hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Lammiileen Ameerikaa mana jireenyaa bitachuuf baasii baasan akkasumas gibira manichaaf kaffalan akka hir’isan waadaa seenaniiru. Daa’imman hanga waggaa Afuriitti jiran tola akka baratanis ni taasifna jedhaniiru. Namoota daldaloota hoogganan argee maal akka barbaadan gaafadhee hojjetaa barate akka barbaadan natti himan kan jedhan pireezidaantichi barnoota irratti akka xiyyeeffatan himanii, Idaa barattootaa kan ilaaleen barattoota miiliyoona Afuriif idaa akka dhiisaniif dubbataniiru. Barsiisootaafis daballiin miindaa akka taasisan waadaa galaniiru.
Baatii Sadaasaa irraa eegalee paartiilee lameen waliin kan irratti dudubbataa turre wixineen seeraa godaantota ilaallatu, eegdota daangaa kuma tokkoof dhibba shan kan miindeessiisu yoo tahu, abboota murtii dhimma godaantotaa ilaalu miidessee, kanneen deemsa irra jiran miliyoona lama mana murtiitti qabamee jiru akka raaw’achiisan taasisa. Silaa seerichi raggaasisamee hojjetoota dhimma namoota dahata gaafatanii kuma afurii akka ilaalan taaisa ture. Wixineen seeraa sun lubbuu baraaruu qofa otuu hin taane daangaa keenya irra akka sirni jiraatu taasisa. Garuu, wixineen seeraa kun sababaa jara siyaasaatiin otuu hin raggaasisamiin jira.
Bilisummaa bu’uuraa akka eegan kan ibsan Joo Baayiden Ameerikaanoota saala isaanii jijjiirrataniif mirgoota isaanii kabajuufiif seerri dhiyyaate akka raggaasifamuuf gaafataniiru. Mirgi hojjettootaa akka kabajamuu fi sadarkaan miindaa gadi aanaan ol akka guddatus gaafataniiru.
Jijjiirama qilleensaa jiru sirreessuuf seenaa hojjenna kan jedhan Joo Baayideen waggoota ja’an dhufanitti Gaaza gubataa gadhiifamu walakkaan hir’isuuf kutannoo akka qabanis dubbataniiru.
Nageenya uummataaf eegumsaa guddaa fi xiyyeeffannaa akka keenan kan himan Baayidaan osoo isaan gara aangootti hin dhufiin guutummaa biyyattii keessatti yakkoonni raawwataman dhibbeentaa 30 irra ga’ee akka ture dubbataniiru. Waggaa darbettimmoo Yakki raawwatamu sadarkaa guddaan hir’achuu isaa dubbatanii bakkoota tokko
Meeshaalee waraana humna guddaa qaban ugguruudhaaf akka socho’an, kanneen meeshaalee waraanaa bitan akka qorataman gochuuf akka carraaqanis dubbatanii jiran – Baayiden.
"Biyya waa hedduu keessatti gochuun danda’amu Ameerikaa hoogganuudhaaf gara fuul-duraatti Amneerikaan maal tahuu akka dandeessuu fi tahuu qabdu, mul’ata qabaachuu qabda.”
Haala nageenyaa Ilaalchisuun rakkoowwan biyya keessaa yeroo nu mudatanii jiranitti ,Biyyoota baha gidduu galeessaa dabalatee jeequmsoota ala jiran hiikuuf tattaafii ni taasifna.Ji’oota Shanan darbanitti waan nuti argine kan laphee nama tuqudha.Israa’eelootaafis , Paaleestinootaafis akkasumas namoota as Ameerikaatti argamaniifis waan gaddisiisaadha. Jeequmsichi kan jalqabe duguuggaa Hamaas raawwateebnidha. Namoonni Kuma tokkoo fi dhibba lama qalamaniiru. Baay’ee isaaniirrattimmoo miidhaan saalaa irratti raawwateera. Duguuggaa Jiwushootarratti raawwatametti aanee du’a isa hamaatu mul’ate. Kanneen 250 ta’an uukkamfamanii fudhatamaniiru. Mana maree kana keessas kanneen maatiin isaanii jalaa butaman ni jiru.Maatiiwwan hundaaf waadaan ani galu warri uukkamfamanii fudhatamaniiran hanga gadhiifamanitti boqonnaa akka hin fudhannedha, jedhan prezidaant Baayiden.