Haleellaan Sudaan Naannoo Daarfur Keessatti Raawwatame Lubbuu Galaafate 

  • VOA

Sudaan naannoo Daarfuur keessatti haleellaa sambata darbe geggeessameen namoonni 60 ta’an yoo du’a kanneen 60 ta’an immoo madaa’uu tokkummaa mootummootaatti waajjirri qindeessa dhimmootii gargaarsa namoomaa dilbata kaleessaa galgala beeksisee jira.

Haleellaan ganda Masteerii Daarfuur gama dhiyaa keessatti aawwatame balaa torbanneen darban keessa raawwatame kan gandeen,manneen jireenyaa gubatan akkasumas lafa gabaa fi suuqileen saamamanii waaltaaleen adda addaa manca’an keessaa tokko ta’uu ibsi qaama tokkummaa mootummootaa kun beeksisee jira.

Ibsi kun madda oduu kanaa hin tuqin jira.

Mootummaa biraa balaa kana ilaalchisee ibsi kenname hin jiru. Mootummaan ce’umsaa Sudaan gareelee ripxe loltoota Daarfuur keessaa waliin walii galtee nageenyaa irra ga’uuf mari’achaa jiraachuun ni yaadatama.