Haleellaan Diroonii yokaan Xayyaara Nama-maleessaa Magaalaa Biilaa keessatti Namoota Hedduu Fixuun Gabaasame 

  • VOA

Haleellaan Diroonii yokaan Xayyaara Nama-maleessaa Magaalaa Biilaa keessatti Namoota Hedduu Fixuun Gabaasame 

Naano Oromiyaa godina Wallaga lixaa magalaa Biilaa keessatti haleellaa Xiyyaarri nam-malee ykn Dirooniin mootummaa itiyoophiyaa raawwateen namoon heduun ajjeefamuu isaanii dhaabanii oduu Asooshiyeetid Prees /Apn gabaasee jiraa.

Namoottan ijaan argan waabeeffachuudhaa APn akka gabaasetti haleelaa Sadaasa lama raawwatamee kanaan namoonii du’an reenfii isaanii bakka adda addatti argaamuu isaa ibsee , ragabaatonni ijaa kan nageenyaa isaaniitiif jecha eenyummaa isaanii himuu hin barbaannee , haleellichii kan raawwate guyyaa gabaa fi yemuu barattoonni mana baruumsaa keessaa bahaa jiranitti akka ta’e ibsuu isaa eereera.

Lubinni magaalaa Biilaa namoonni balaa Diroonii Kanaan du’an 11 waldaa amantaa isaani keessaatti awwalamuu isaanii akka mirkaneessan kan ibse gabaasin Ap, namoonii dhibbaan lakkawaman madaa’anii akka mana yaalaa keessaa jiran beeksiseera.

Karaa biraatiin Dilbataa deengaddaa Maqalaa Naqamtee keessatti hidhatoonni Waraanaa Bilisumaa Oromoo kan mootummaa “Shanee” jedhee waamu haleelaa raawwataniin hidhamtootaa Siyaasaa 120 gad lakkisisaanii qabeenyaa waraanaa mootummaa barbadeessuu isaanii ibsaa dubbi himaan dhaabichaa fuulaa tiwuutarii isaanii irratti baasaan waabeffachuudhaan APn gabaaseera.

Lolli Oromiyaa keessatti taasifamaa jiruu isaa Tigiraay keessatti taasifamaa jiru irraa adda ta’uu isaa kan ibsee gabaasiin kun ABUT fi WBO Kanaan duraa hariiroo waloo ifaa gochuu isaanii ibsee, mootummaan Itiyoophiyaa ABUT wajjin marii araaraa ittu fufuu isaa yaadachiisee jira.

Midhaa xiyaaraa waraanaa mootummaatiin nammottan nagaa irratti qaqqabee kana ilaalchisee deebii mootummaaa argachuudhaaf yaalin karaa waajjiraa dubbii himmaa mootummaa Dr. Legesee Tulluutiin taasisee akka hin milkoofne APn beeksiseera.