Naannoo Uummattoota Kibbaa Keessatti Halellaa Raawwatameen Namoonni Ajjefamuun Gabaasame

  • VOA

FAAYILII - Marfata Summuuda magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Naannoo uummattoota kibbaa Itiyoopiyaa godina Koonsoo waliin kan wal daangessu aanaa addaa Daraashiee jedhamu keessatti walitti bu’iinsa uumameen namoonni hedduun ajjeefamaniiru jechuu dhaan EZEMAn murtiin haqaa akka kennamu gaafatee jira. Aanaalee hollaa lamaan gidduutti walitti bu’iinsa uumametti aansee, humni addaa naannoo sanaa ajjeefamuu kanneen ijaan argan VOAf himaniiru.

Kanneen ijaan argan kun akka jedhanitti namoonni hidhatan kanneen naannoo sana keessaa tuuristoota biyya alaa ukkaamsanii butn. Komiishinerri poolisii naannoo uummattoota kibbaa Alamaayyoo Maammoo VOAf akka ibsanitti, tuuristoonni lammiiwwan Hindee ja’a daangaa godina Koonsoo fi aanaa addaa Deraashii irratti qabamanii turan gad dhiisamaniiru jedhan. komiishinerichi akka jedhanitti tuuristoonni kun Ebla 26 bar 2022 guyyaa dhuma ukkaamsamanii butaman gad dhiisaman.

Ennaa duulli tuuristoota gad dhiisisuugeggeessamettis humni addaa tokko ajjeefamuu illee ibsanii jiru. lammiiwwan Itiyoophiyaa kanneen isaan waliin imalaa turan illee gad dhiisamuun ibsameera.