Hariioon Diplomaasii Calliinsaan Guutame Mirga Namaa Hin Eegisisn Hafe

  • VOA

Mootummoonni dimokraatawaa fi kanneen mirga namaa eegsissan mootummoota dhiittaan mirga namaa hamaa raawwatan irraan dhiibbaa ga’aa gochuu hin dandeenye.

Gabaasi sun namoota beekamoo addunyaa demokraasummaa shaffisiisuu hin dandeenye kan akka muummicha barreessaa tokkummaa mootummoota mootummootaa Ban Ki-moon, hooggantuu imaamta alaa gamtaa Awropa Catherine Aston fi president US Barack Obama ti.

Biyyootumti gama dhiyaa demokraatawaa ta’an iyyuu ofii isaanii waggoota kurnan darban keessa dhiittaa mirga namaa hamaa keessatti utuu hirmaatanii argamaniiru.

Kanaaf jecha mirga namaa shaffisiisuu irratti fudhatamni isaan qaban gad bu’aa adeeme.
Gareen kun biyyoota tarreesse keessaa Iran, Myanmar, KOriyaa kaabaa, Yemen fi Zimbabwen mootummoota dararaa hamaa geessisan jedhee jira.

Porteous akka jedhantti Afrikaa keessaa Rwanda fi Itiyoopiyaan waggoota dhiyeenya kana biyyoota hacuuccaan keessatti hammaate keessaa tokko ta’aniiru.
Sababiin isaas biyyootin gama dhiyaa mootummoota isaanii waliin hidhata itti dhiyoo waan qabaniif jecha dararaa gamasitti raawwatu ilaaluuf iji isaanii jaamaa dha.

Gabaasi kun haala mirga namaa addunyaa ilaalchisee kan bae gabaasa Human Rights Watch 21ffaa dha.