Itti aanaantuu pirezidaantii Kamalaa Haaris hiriira duula filannoo Waashingitan Diisii irratti Kibxata darbe daawwattootaaf haasaa dhageessisaniin, “dimokiraasiin keenya waan hunda irratti walii galuu nu hin gaafatu” jedhan.
Haaris, Rippabilikaanotaa fi deeggartoota pirezidaantii duraanii ka Doonaald Tiraamp ofitti hawwachuuf yaalii taasisanii, namni tokko nu waliin walii galuu dhabuun isaa diina keessoo nu hin taasisu jedhan.
Walii-galuu dhabuun hin jiru kan jedhu mala lammiiwwan Ameerikaa miti, Falmii cimaa irraa duubatti hin deebinu, dhugaa dubbachuuf falmii gaarii ni jaallanna mitii? Falmii gaarii ni jaallanna jedhan Kamalaan.
Namni tokko nu waliin walii galuu dhabuun immoo diina keessoo isaan hin taassisu. Isaan maatii, ollaa, hiriyoota daree barnootaa, namoota wajjin hojjetanii dha. Isaan lammiilee Ameerikaa akka isaanii ti. Akka lammiiwwan Ameerikaatti waliin kaana, kufna jedhan.