Haroon Wancii sadarkaa adduunyaatti filatame

Yaaddoofi Abdii Jiraattota Naannawa Haroo Wancii

Haroon Wancii, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Tuurizimii.Addunyaatiin, "Qe'ee Tuurizimii Addunyaa keessaa tokko taatee filatamuun, lakkoofsa daawwattootaa dabaluuf akka gargaaru Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa beeksise.

Komishinarri Itti Aanaa Komishinichaa obbo Naggaa Wadaajoo, qe'eewwan tuurizimii dhaabbata kanaan filataman 44 keessaa Wanciin akka tokko taatuuf, gama beeksisuun hojjachuu isaanii dubbataniiru.

Sirna Badhaasaa, Speen, magaalaa Maadriid keessatti adeemsisamerrattillee, torban darbe Komishinarri Tuurizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa fi Deetaan Ministira Tuurizimii Itoophiyaa Aadde Salaamaawit Daawit argamuu isaanii Komishinarri Itti Aanaa kun dubbataniiru.

Naakoor Malkaa Amborraa gabaasa dabalataa qaba.

Your browser doesn’t support HTML5

Haroon Wancii sadarkaa adduunyaatti filatame