Your browser doesn’t support HTML5
Barattootii Oromoo yuniversitii Hawaasaa kalee galgala hiriira mormii bahanii namii hedduun hidhame jedhan.
Barattootii tun yoo dorgommiin Ispoortii Guutuu Itoophiyaa kalee magaalaa Awaasaatti jalqabde istaadiyoomii keessa oolanii dallaa yuniversitiitti deebihanii hiriira mormii bahan.
“Reebichii ilmaan Oromoo irratti taasifamaa jiru, dararaan haa hafuu fi gaafii gara garaa gaafatanii,”jedha barataan yuniversitii sun baratu tokko.
“Achiin duubatti poolisoonni haala nu hin beekneen gibbii seenanii nu marsani odeeffannoo qamnuun nama 26 hidhaa jira.”
Pirezidaantin yuniveristii Hawaasaa Porofeeser Yoosef Maammoo ammoo “Kanneen hidhaman dhiisii kanneen hiriiraniiyyuu 20 hin caalan,”jedhaee,“ galgala yeroo ani saatii sadii irratti arge yoo baayyate,nama hiriira bahe 35 hin caalan...kaa dhaamanee fi hidhamelleen hin jiru,”jedha.
Gama kaaniin ammoo akka jiraattotii godina Gujii aanaa Liiban jedhanitti guyyaa lamaa fi sadeen dabran keessaa nama hedduun hiriira dhiyoo keessa jiran jedhanii hidhuutti jiran jedhan.
“Nama hedduu hidhanii dhaanan,” jedha namii maqaa ufii himachuu hin fedhin tokko aanaa Liiban irraa
Fulaa namii keessaa hidhan jedhan;Bulbul, Dhakaa-Qallaa, Simmintoo, Hadheessa, Qoraattii, Nageellee Booranaa fa jedhan.
“Wannii mirkanaa ani arge ganda sunitti poolisii aanaa Liibanii fi Federaalaa buusanii poolisiin sun nama dhaantee nama qaqqabdee ijoolleen mana barumsaatii baqattee.”
“Namii amma hidhaa jiru akka jedhanitti 30 tahaa 19 hardha gadi dhiisanii jara cufaa hirira baatan jedhanii hidhan,” jedhan.
Qorataan poolsii aanaa Liiban,obboo Teshoomee Qaallichaa, ”Wannii ani dhagahee hin jiruu namii qabamee nu gahe hin jiru, namii 19 fulaa teennatti hidhani ardha gadi dhhisanilleen hin jiru,”jedha.
Obboo Kadir Jibboo,Poolisii magalaaa Nageellee Booranaati“Womaa quba hin qamnuu namii nu biratti hidhame hin jiru,”jedha.