Akka gabaasa miidiyaalee naannootti yoo xiqqaate poolisiin tokko rukkutamuu fi konkolaataan hidhannoo ofirraa qabu tokko gubachuun qondaaltonni kaanimmoo baqachuuf dirqamaniiru. Namoonni dhukaasa banan kurnootaan kan lakka’aman akka baqatan taasifamuu fi dhukaasichi garuu turtii sa’aatii Shaniif akka ture namoonni naannoo Assooshiyeetid Pireesitti himaniiru.
Jeequmsi Heeytii keessaa kan jalqabe erga gareen hidhannoodhaan samichaa fi ajjeechaa raawwatan bu’uuraalee misoomaa mootummaa barbaachisoo ta’anirratti halleellaa bananii booda yommuu ta’u amma ji’a tokko lakkofsiiseera. Jeequmsa kanaanis buufata Poolisii biyyattii gubuu, buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa biyyattii keessatti halleellaa qawwee raawwachuun akka cufamu taasisuu fi namoonni 4,000 ol kanneen to’annoo seeraa jala turan akka gadhiifaman taasiisaniiru.
Akka gabaasa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti hanga Ji’a Bitootessaa 22 tti Heyiitii keessatti yoo xiqqaate namoonni 1554 yommuu ajjeefaman kanneen 826 ta’animmoo madaa’aniiru.
Taateen kunis ji’a darbe keessa ministirri muummee biyyattii Eeriyeel Henrii aangoo isaanii akka gadhiisan taasisuun koreen Pireezidaantii cee’umsaa akka hundaa’u taasiseera. Ministtirri Muummee Eeriyeel Henrii humni poolisii Keeniyaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniin deeggaramuun gar Heeyitii akka seenu hojjechaa kan turan amma Heeyitii keessaa akka hin baane taasifamanii jru.
Lammiileen Heeyitii hojii isaanii guyyaatti deebi’uuf abdiidhaan eegaa yommuu jiranitti ammas dhukaasni itti fufuun daandiiwwan biyyattii irratti reeffa namoota arguun taatee guyyaa guyyaan ta’ee jiras jedhameera.