Hidhi laga Abbayyaa waggaa dhuftu humna ibsaa maddisiisuu Jalqaba Jedhame

  • VOA

Suuraa Hidha laga Abbayyaa saatalaaytiidhan caamsaa keessa fudhatame

Hidhi Laga Abbayyaaguddichi waggaa dhuftu humna ibsaa maddisiisu kan jalqabu ta’uu ministriin dhimmootii bishaanii fi jal’isii Dr. Sileshii Beqqelee ibsanii jiru.

Ministrichi VOA waliin har’a gaaffii fi deebii geggeessaniin dura taa’aa gamtaa Afriikaa kan yeroo ammaa prezidaantii Afriikaa Kibbaa Siril Ramaafoosaa haala mijeessaniin hoogganoota Itiyoopiyaa, Sudaanii fi Masrii gidduutti wal ga’iin viidiyoo dhaan geggeessame milkaa’aa kan ture ta’uu ibsanii, dhimmootii teekinikaa fi seeraa irratti kanneen mari’atan ogeessonni biyyootii kanaa torban tokkoo ykn yeroo hin dheeranne keessatti wal arganii qabxilee hafan irratti walii galtee irra ga’uuf kan hojjetan ta’uu qajeelfama dabarsuu isaanii ibsaniiru.

Ministrichi itti dabaluu dhaan hidhi Abbayyaa waggaa kana bishaan kuusuu qabu torbanneen lamaan darban keessa kuusuu isaaf hidha sana darbee dhangala’uu jalqabuu isaa fi hojiin bishaan guutuus mul’inatti jalqabamuu dubbataniiru jechuu dhaan waahilli Afaan Amaaraa Solomon Abaatee gabaaseera.