Hiriirri Mormii Goondaritti Sambata Darbe Geggeeffame Nagumaan Xumurame

Gonder City

Naannoo Amaaraa magaala Goondaritti sambata darbe, Adoolessa 31, bara 2016, hiriiri mormii namoonni kuman lakkawwaman irratti hirmaatan geggeffame. Baayyen isaanii magaaluma Goondarii oggaa ta'an, gandoota baadiyyaa naannoo magaalitti jiran irraays namoonni akka irratti argaman dubbatan, jiraattoonni magalatti.

Hirirri “hala biyyatti keessatti barameen adda nagaahan xumurame” jedhamee himaamuuf kun dhumarratti han cufamee, ibsi ijjannoo qabxii torba qabu dubifamee abbootiin amantii Kiritsaanaa fi Islaamaa ebba kennanniiti.

Televisiiniin Itoophiyaa gaafasuma, tamsaasa galgalaa irratti waayee hiriira geggeeffamee gabaasera. Bulchiinsa magaala Goondar keessaa hogganaan tooko hiriirri godhame heyyama odoo hin argatiin ta’usaa dubbatee, gaafiiwwan hiriirtonni kasanis dhimma bulchiinsa gaariitin waan walqabataniif mootummaan san hiikuudha irratti akka hojjatu ibse.

Your browser doesn’t support HTML5

Hiriirri Mormii Goondaritti Sambata Darbe Geggeeffame Nagumaan Xumurame